Mastering AI Tools

Wishlist Share

About Course

Hubannoo Nam-tolchee (AI) haala itti barannu, hojjennu, uumnuu fi guddannu jijjiiraa jira. ‘Meeshaalee AI Gonfachuu’ (Mastering AI Tools) koorsii shaakala qabatamaa irratti xiyyeeffate yoo ta’u, meeshaalee AI har’aa dandeettii olaanaa qaban ofitti amanamummaan fayyadamtee yeroo qusachuuf, oomishtummaa dabaluuf, fi carraawwan haaraa saaquuf akka si gargaaruuf kan qophaa’edha.

Bu’uura AI ni baratta, ilaalcha sammuu AI sirrii ta’e ni horatta, ‘prompt engineering’ (haala ajaja itti kennan) ni gonfatta, fi meeshaalee dursa hiriiran kanneen akka ChatGPT, Gemini, Grok, Claude, Canva AI, Google Veo, fi kanneen biroo irratti muuxannoo qabatamaa ni argatta.

Barataa, ogeessa, abbaa daldalaa, hojjetaa bilisaa (freelancer), ykn uumtuu qabiyyee yoo taates, koorsiin kun qaxalummaan akka hojjettu, saffisaan akka uumtu, rakkoolee haala bu’a-qabeessa ta’een akka furtuu fi bara AI keessatti dursa akka hiriirtu si gargaara. AI’n maal gochuu danda’a jettanii yaaduu dhaabaa—akkamitti akka AI siif hojjetu baradhu.

Show More

What Will You Learn?

  • Bu'uuraalee Hubannoo Nam-tolchee (AI) fi jireenya dhugaa keessatti akkamitti akka hojjetu hubachuu
  • Oomishtummaa, kalaqaa fi furmaata rakkooleetiif ilaalcha sammuu AI sirrii ta'e ijaaruu
  • Meeshaalee AI irraa bu'aa fooyya'aa argachuuf 'prompt engineering' (haala ajaja sirrii itti kennan) gonfachuu
  • ChatGPT, Gemini, Grok, Claude, fi meeshaalee AI biroo haala bu'a-qabeessa ta'een fayyadamuu
  • AI (Canva AI dabalatee) fayyadamuun qabiyyee, dizaayinii fi yaada haaraa saffisaan uumuu
  • Hojiiwwan of-maasanii (automate) gochuu fi hojii guyyaa guyyaa saffisiisuun oomishtummaa dabaluu
  • AI daldala, hojii bilisaa (freelancing), barumsaa fi piroojektota dhuunfaa keessatti hojiirra oolchuu

Course Content

The Mindset of AI (Ilaalcha Hubbannoo Nam-tolchee)

  • Soft copy The Mindset of AI (Dubbisa PDF Afaan Oromo)
  • Introductions of Artificial Intelligence
    14:10

Prompt engineering
The language of AI: Toftaa Tools AI dhaaf Ajaja Keninu.

Understanding AI Tools

Understading Open AI (ChatGPT)

Google ecosystem AI (Gemini)

Copilot AI (Microsoft ecosystem)

Fundamental of the Cloude AI

Realtime and Trending: Grok AI

Canva AI Graphics and Content Generations

AI Video Generation with Google Veo

International certificate!

Ogummaa wabbii qabu fuuldura keenyaaf haa mirkaneessinu!

selected template

Want to receive push notifications for all major on-site activities?