Bu’uura Marketing (Marketing Essential)

Wishlist Share
Share Course
Page Link
Share On Social Media

About Course

Namoonni Business Online hojjatan Baayyeen isaanii bu’aa qabeessa  hin ta,an.

sababni isaa softeware akkaataa itti fayyadaman beekan malee seera marketingii hin beekan waan ta’eef. 

Garuu namoonni Digital Marketingii akkasumas Marketingii Danda’an shakkii tokko malee dandeettii gurgurtaa baayyee raawwachuu, Maamila heddu qabaachuu, maamila sirrii Oomishaa fi tajaajila isaaniif ta’an adda baasanii beekuu, eddoo isaan itti argamanii, fi amala isaanii beekan waan ta’eef salphatti gabaa interneetii irratti ta,ee interneetiin alattis baayyee milkaa’oo ta’u.

Koorsiin Bu’uraalee Marketiingii immoo Package bareedaa of keessatti qabatee jira. Namni Bu’uuralee marketingii danda’u kamiyyuu hojii isaa keessatti milkaa’uun isaa waan hin Oolle waan ta’eef, Package filatamaa Bu,uuraalee Marketingii akka idil-Adunyaatti dhaabbilee gurgurdaa keessatti kennaman bakka tokkotti Afaan Oromootiin isiniif dhiyeessera.

Show More

What Will You Learn?

  • Maal fa’a of keessatti hammata?
  • Karoora Marketingii (Marketing Plan)
  • Makaa Marketingii ( Marketing Mix)
  • Marketingii naannoowaa (Local Marketing)
  • Goosota Marketingii (Types of Marketing)
  • Tarsiimoo Marketingii (Marketing Strategy)
  • Hubannoo waa’ee Brandii (Brand Awareness)

Course Content

Karoora Marketingii (Marketing Plan)
Dhiira milkaa'aa hunda boodaan, dubartiin cimaa tokkotu jira jedhama. Akkasumas, hojii milkaa'aa tokko boodaan immoo karoora qindaa'aa fi cimina cimaa qabaachuun barbaachisaadha. Yeroo ammaa keessatti hojjachuun milkaa'uu qofa osoo hin taane, karoora sirrii qabaachuun bu'aa guddaa qaba. Karoora Marketing Maali? Karoora marketing jechuun, bu'uura hojii keenya irraa eegalee hanga goolii keenya gahutti, omisha, tajaajila fi brandii keenya beeksisuu fi gurguruuf karoora qindaa'aa qabaachuun akka nu gargaaru kan akeeku ta'uu isaa ibsa. Karoora kana keessatti tarkaanfiiwwan barbaachisan hundi akkasumas, haala itti gabaa dijitaalaa irratti milkaa'uu dandeenyu ni ibsama.

  • Seensa (Karoora Marketingii)
    00:00
  • Duubbisa (Hand Book)
  • Karoori Marketing Maali?
    00:00
  • Yaada Ijoo
    00:00
  • Karoora Marketingii

Local Marketing (Marketing Biyya keessaa)
Brandiiwwan addunyaa kana beekkaman hundi isaanii eddoo irraa ka'umsaa qabu. Naannoo isaanii keessatti omishamanii, gabaa naannoof dhiyaatanii, jaalatamuu fi filannoo maamilaa ta'uun gara naannoo biraatti babal’achuun, booda immoo addunyaa irratti beekamtii guddaa gonfatan. Dhaabbanni ykn brandiin idil-addunyaa tokko biyya hedduu keessatti amala gaarii adda ta'e kan isa walfakkeessu fi amala garagaraa kan maamiloota eddoo garagaraa, amala, amantii, aadaa fi duudhaa, afaanii fi bartee adda addaa qaban waliin walitti fiduun, gabaa addunyaa irratti beekamtii argachuu danda'u waliin ilaalla. Kanaafuu, omisha keenya gabaa biyya keessatti gurguruu fi beeksisuuf: Akkamitti miidiyaa dijitaalaa naannoo fayyadamaa? Akkamitti gabaa aadaa naannoo fayyadamaa? Akkamitti fedhii maamilaa murtaa'aa ta'ee tokko guutuu? Akkamitti omisha hawaasa murtaa'aa ta'ee dhiyeessuu? Qabiyyeen (content) nuti kalaqu maal fa'a ta'uu qaba? Kan jedhu irratti waliin qorannaa bal'aa goona.

Makaa Marketingii (Marketing Mix)
Omishni tokko gara maamilaa ga’uuf sadarkaa garaagaraa keessa darba. Gabaa irratti dorgomtoota hedduu waliin gorgomuun maamiloota biratti fudhatama argachuuf Marketing Mix fayyadamuun dirqama. Kunis, omisha dorgomtoota keessaa adda baasuudhaan gabaa irratti olaantummaa argachuuf murteessaadha. Tajaajila gaarii kennuudhaan maamiloota gammachiisuu fi fedhii isaanii guutuuf 7P’s of Marketing Mix hubachuun barbaachisaadha. Barreeffama kana keessatti, milkaa’ina omisha fi tajaajila irratti hundaa’uun wantoota 7 barbaachisan, bu’aan isaanii maali akka ta’e fi gatii isaanii eessa akka ta’e waliin ilaalla. Wanti hundi jalqaba qaba. Omisha keessan gabaa irratti fiduudhaan beeksisuu, dorgomtoota mo’achuu fi filannoo jalqabaa ta’uuf Marketing Mix fayyadamuun dirqama. Tartiiba fi wantoota murteessoo ta’an waliin ilaalla.

Goosota Marketingii (Types of Marketing)
Namni tokko omisha ykn tajaajila isaa gurguruuf tooftaalee gabaa fi wal-taajiilee gabaa hedduu irratti hirmaachuun dirqama. Gosoota gabaa biyya keenya keessatti barataman yoo ilaallu, yeroo hedduu daldaaltoonni wal-taajiilee gabaa muraasa qofatti fayyadamu. Garuu, idil-addunyaa irratti biyyoonni guddatan fi namoonni milkaa’an baay’een gosoota gabaa 42 ol fayyadamuun omisha isaanii gurguru. Dhugumatti, gosoonni gabaa kunneen biyya keenya keessatti hojiirra ooluu danda’u. Garuu sababa hubannoo xiqqaa irraa kan ka’e, hedduun isaanii itti fayyadamaa isaanii hin beekan. Homaa hin yaadina! Boqonnaa Gosoota Marketing keessatti icciitii hundaan walbaradhaa. 👉 Gabaa Aadaa irraa hanga Gabaa Dijitaalaatti 👉 Gabaa Moraa irraa hanga Gabaa SEO 👉 Gabaa Qabiyyee irraa hanga Gabaa Dhoksaa 👉 Gabaa Influencer irraa hanga Gabaa Conversial tti waliin ilaalla. Gosoota Marketing barachuun, aduunyaa gabaa, daldaala fi carraa milkaa’ina bal’aa waliin wal baruu jechuudha!

Hubbannoo maqaa (Brand Awareness)
Yeroo ammaa keessatti, wantoota meeqa beekta? Osoo hin taane, namoota meeqa beekta? Milkaa’ina kee fi guddina kee irratti, gaaffii sirrii of gaafachuu qabda. Sababni isaas, maqaan ati namoota biratti qabdu gaarii yoo ta’e, balbala namoota hedduuf hin banamne sitti bana. Garuu, maqaa gaarii fi beekkamtii gaarii yoo hin qabaanne, balbala milkaa’ina namoonni heddumminaan hawwan, siif cufamee hafuuf mala. Maqaa gaariin maal jechuudha? Boqonnaa Brand Awareness keessatti hubanna. Maqaan kabajaa qabu, maqaan jaallatamu, maqaan amanamu guyyaa tokko keessatti hin dhufu. Guddina, hojiirra oolchuu fi beekkamtiin al tokkoon ol guddachuu danda’a. Akkamitti? Waliin ilaalla. Brand Awareness Akkuma maqaa dhuunfa keenyaaf cinqamnu, maqaa dhaabbata keenyaafis bakka kennuu qabna. Maamiloonni maqaa dhaabbata keenyaa akka fudhataniif, amananiif, jaallataniif fi beekkamtii kennaniif, hubannoo maqaa ykn Brand Awareness guddisuu barbaachisa. Boqonnaa Brand Awareness keessatti, akkamitti: ✅ Maamiloonni maqaa brand ykn dhaabbata keessan beekuu danda’an ✅ Maamiloonni erga beekkanii booda maamila tajaajila keenyaa ta’uu danda’an ✅ Maamiloonni booda dhaabbata keessan jajjabeessuu fi abukaatoo ta’anii akka falman Waliin ilaalla.

Tarsiimoo marketingii (Marketing strategy)
Biyyoonni yeroo eddoo murtaa’aa ykn biyya biraa weeraruuf yaada qabaatan, bu’aa fi kaayyoo weerara sanaa ifatti beekanii karoora baasu. Karoora kana karoora waraanaa jedhu. Garuu qondaalli waraanaa ykn generalli, eddoo waraanaa hogganuuf fi lola qindeesuuf wixinee baasee yoo hojjetu, tarsimoo (strategy) jedhama. Tarsimoo Gabaa (Marketing Strategy) immoo, yeroo dirree daldalaa seennee: ✅ Walitti dhufeenya maamiloota waliin qabnu akkamitti milkeessina? (Transit) ✅ Yeroo gurgurtaa rawwaannu maal godhuu qabna? (Transit) ✅ Yeroo brand keenya beeksifnu akkamitti beekkamtii horanna? (Transit) ✅ Yeroo hariiroo hojii uumuuf carraa argannu akkamitti milkeessina? (Transit) Kana hunda, Tarsimoo Gabaa keessatti madaalla. Akkasumas, gabaa dijitaalaa keessatti, fakkeenyaaf: 📌 Gabaa Social Media irratti maqaa gaarii ijaaruu (Transit) 📌 Beekkamtii horachuu (Transit) 📌 Walitti dhufeenya maamiloota waliin qabaachuu (Transit) 📌 Kunuunsuu fi tursiisuu (Transit) Kanneen hundi Tarsimoo Gabaa Dijitaalaa keessatti ilaalama. Boqonnaan Tarsimoo Gabaa karaa hedduun qophaa’ee jira, akkasumas haala adda addaatiin hojiirra ooluu danda’a.

Tips : Dabalata

Want to receive push notifications for all major on-site activities?