Waa'ee Upcourses

Barnoonni humna jireenya jijjiiruuf qabu ni amanna; kanumaafis gosa duubbee ykn bakka jireenyaa osoo hin daangeffamin, barnoota sadarkaa Idil-addunyaa namoota hundaaf salphaatti akka argamu gochuuf kutannoodhaan hojjenna.

Duubbee Dhaabbatichaa

(Background)

UP Courses humna MO Business Company’n hundaa’e yoo ta’u, ogeeyyii dandeettii fi muuxannoo qaban, kaayyoo waloo—barnootaan namoota gahoomsuu—qabaniin deeggarama. Gareen keenya barsiisota dandeettii olaanaa qaban, teknooloojii ammayyaa fi networkii deeggarsaa cimaa walitti fiduun muuxannoo barnootaa qulqullina ol’aanaa qabu dhiyeessuuf of kenneera. Rakkoolee barattoonni fi daldaltoonni Afrikaa Bahaa keessatti mudatan ni hubanna, kanaafis carraaqqii dandeettii dabalan, omishtummaa guddisan, akkasumas CV fi  reezumii keessaniif gatii dabalataa fidan uumuuf hojjenna.

 

Ergama fi Mul'ata

Ergamni keenya UP Courses keessatti barnoota qulqullina ol’aanaa qabuu fi salphaatti argamu  Haawasni afaanota naannoo isaaniitiin dhiyeessuudhaan dargaggoota Afrikaa Bahaa gahoomsuudha. Kaayyoon keenya koorsiiwwan sadarkaa addunyaa dhiyeessuudhaan, barattoota dandeettii jireenya dhuunfaa fi ogummaa isaanii keessatti dorgomaa isaan taasisan qopheessuudha. Carraalee daldala toora intarnetaa (online) mijeessuu fi omishtummaa guddisuudhaan, humna uumamaa sammuu dargaggootaa baasuu fi hawaasa isaanii akkasumas hojii ogummaa isaanii keessatti jijjiirama hiika qabu akka fidan gargaaruuf carraaqna.

Wantoota Nu Boonsan

UP Courses platfoormii barnoota toora intarnetaa (online) teknoolojii hammayyaa qabu kan addatti dhaloota Afrikaa Bahaatiif dizaayinii ta’eedha. Akeekni keenya addaa barnoota sadarkaa addunyaa afaanota naannootiin dhiyeessuu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, kunis barattoonni dandeettii haaraa akka argatanii fi hojii ogummaa isaanii keessatti akka guddatan gargaara. Koorsiiwwan bal’aa teknoolojii, daldalaa, fi guddisa dhuunfaa keessatti dhiyeessuun, UP Courses addunyaa guutuu irraa salphaatti kan argamu yoo ta’u, barattoota keenya gabaa hojii dorgommii cimaa qabu kan har’aa keessatti akka milkaa’an dandeettii barbaachisuun isaan qopheessa. Hundaaf muuxannoo barumsaa mijaawaa fi hawwataa ta’e kennuuf, dareewwan kallattii (live) fi kanneen duraan waraabaman lamaaninuu ni dhiyeessina.

 

Barumsa Afaan Naannootiin Dhiyaatu (Localized Learning)

Koorsiiwwan sadarkaa addunyaa afaanota naannoo Afrikaa Bahaatiin ni dhiyeessina, kunis salphaatti akka argamuu fi salphaatti akka hubatamu mirkaneessa.

Platfoormii Qulqullina Ol'aanaa Qabu

Hojii fi mijeessaa irratti xiyyeeffachuudhaan, platfoormiin keenya koorsiiwwan fi dareewwan kallattii barsiisota filatamoof qulqullina ol'aanaan guutame hundaaf walitti fufiinsaan carraa bana, kunis muuxannoo fayyadamaa sadarkaa ol'aanaa mirkaneessa.

Carraalee Daldala Toora Intarnetaa (Online)

Platfoormiin keenya dandeettii barsiisuu qofa osoo hin taane, barattoonni daldala toora intarnetaa dhuunfaa isaanii akka uumaniif beekumsaa fi meeshaalee ni kenna, kunis guddinna dinagdee Afrikaa Bahaa ni ariifachiisa.

Barnootaan Gahoomuu (High-Quality Platform)

Tajaajiloota hunda ogeeyyii industirii keenyaaf fi leenjii hawaasa giddugaleeffateen deeggaramaniidha.

Our Team

Abdi Waliyi

Founder and CEO of Upcourses.org

 

Biruk Solomon

Co-founder of Upcourses.org 

Web Developer & Multimedia Content Editor

Jemal Tehir

Co-founder of Upcourses.org

Assistant Instructor & literature editor